Joshua 9:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan Yoshuani jed'e, Aabbo, woni nu akasi taanefi, waan nu d'ageenne AABBO Waaqi keesani d'uguma waan hojattu isaa Musani jed'e, Anini lafa tana ch'ufa isaanii kenna yo iti d'uftanile nama keesa jiru ch'ufa fit'a. Duuba woni nu akasi taanefi, guddo isani sodaanne, waan lubbu teennale d'amnu seene.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee Iyyaasu'uun, «Akka nu garboonni tee akkuma Rabbi garbicha ufii Muusee ajajetti akka lafa maraa isinii kennu worra lafa san irra jiraatan maraa afoo keessanii balleessu dhugamaan dhageenneerra; kanaafuu waan lubbuu keennaatiif guddifnee isin sodaannee waan kana goone.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan deebisanee Iyaasu'uun, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan lafa tana duudii isin akka dhaalchisuu fi kolbaa lafa tana keessa jiraattu duudii akka balleessu, tajaajilaa ifii Muusee akka ajaje waan dhageenneef, isin guddoo sodaannee lubbuu teenna hamburatiisaaf tana goone.