Jude 1:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Jarri tun fokkoo malee isin woliin nyaatiisaan jila jaalalaa keessan batteessan. Isaan gadhaa ifii calla'aaf yaadan; isaan akka duumensa bokkeya ifi keessaa hin qannee, ka qilleensaan oofamuu ti. Isaan akka muka yennaa midhaan buusu'uu maletti midhaan buusuu dhabee, hiddaan buqqa'ee gogee killi jedhee ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle worri farso ch'eera foko male d'uge, jila teesani t'ureesa, worri ufi ch'alla qorqorata. Worri aka dumansa bokaya inqamne, ka bubbeeni d'oofte jira. Aka mukha ch'aamsaale mid'aani imbaamne jira mukha buqisani goge fakaata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee warrii farsoo dhugee ceeraa fokkoo dhabee jila teessan ta jaalalaallee isan dura xureessaa. Warrii uf callaa qorqorata; warrii akka duumansa bokkaa hinqamnee, ka bubbeen dhooftee jira; muka caamsaa ka midhaan hin baamnee ka buqqisanii gogee fakkaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunniin waamsa jaalalaa keessanitti yoo isin woliin waamaman, waamsa jaalalaa san xureessan. Akkasuma isaan tissee ufuma callaa soortu. Isaan akka duumessa rooba hin qabnee ka qilleensaan oofamuu, akka midhaan hennaa daraaree gawutti ija hin godhanne, akka muka gogee hiddaan buqqa'ee,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunniin waamsa jaalalaa keessanitti yoo isin woliin waamaman, waamsa jaalalaa san xureessan. Isaan tissema ufii uf sooran. Isaan akka duumessa rooba hin qabnee, ka qilleensaan oofamuu, akka midhaan hennaa daraaree gawutti ija hin godhanne, akka muka gogee hiddaan buqqa'ee,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni kunniin saalifata malee wiriqachu'uun tokkumma'aan afeerrii irratti yoo argaman gufuu isaanitti ni ta'an, isaan ka yaadan waayee mataa isaanii qofa, akka waan bubbe'een dhiibamanii isaan akka duumessa rooba hin qabnne ka bubbe'een dhiibamuuti. Ji'umaa firi'ii tittuu akka muka firiin irratti hin argaminne, akka muka jalaan buqqifameetii fi isaan akka muka yeroo lama du'eeti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jarri tun fokkoo malee isin woliin nyaatiisaan jila jaalalaa keessan batteessan. Isaan gadhaa ifii calla'aaf yaadan; isaan akka duumensa bokkeya ifi keessaa hin qannee, ka qilleensaan oofamuu ti. Isaan akka muka yennaa midhaan buusu'uuf maletti midhaan buusuu dhabee, hiddaan buqqa'ee gogee killi jedhee ti.