Jude 1:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Addaamii jalqabee dhaloota torbeesso'oo ka te'e Heenok, marroo namoota kanaatiif raagee, “Kunoo, Goottaan nama duudii irratti muriisaaf woyyoota ifii bindillaa woliin hin dhufa. Inni hujii badduu worri Waaqa hin sodaanne hujee fi dubbii arrabaa ta cubbaaleyyiin Waaqa hin sodaanne isa irratti dubbatte maraaf itti hin mura” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Henoko, ka d'aloota torbeeso Adamu gulati, duri waan worra fage waan jed'e: Ilaala, Aabbooni malaika ufi qulqullo kunki hedduuni woliini d'ufa,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Henook dhaloota Addaam irraa qabee ka nama torbeessoo, waan warraa fagee, “Ilaalaa, Aabboon akka nama cufaatti muru ergamtoota ufii qulqulloo kuunkii waliin dhufaa;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Heenokiin yoo Aadamiin irraa jalqabnee laakkofne torbeessoon waan namoota kanniinii akkana jedhee raage, «Kunoo Gooftaan woyyoota kumaa fi kitila woliin deebi'ee dhufa»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Heenokiin yoo Aadamiin irraa jalqabnee laakkofne torbaffa'aa; waan cubbuu isaan godhan maraaf, «Gooftaan akka maraa irratti murteessu, waan worri hammeeyyiiniif cubbamoonni isa irratti dubbatan waan gar-jabeenna maraatiif cubbamootatti murteessu'uuf woyyoota shikitaa woliin dhufeera» jedhee isaanitti raaga dubbateera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Addaamiin irraa jala qabee dhaloota torbaffaa ka ta'e Heenok yoo dubbatu akkana jedhee jira, «Kunoo Waaqinni maleyikkoota isaa Qulqullaayomota kuma harka kumaatamaa woliin ta'ee, mara irrattuu murtteessu'uuf ni dhufa,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Addaamii jalqabee dhaloota torbeesso'oo ka te'e Heenoki, marroo namoota kanaatiif raagee, «Kunoo, Goottaan nama duudii irratti muriisaaf woyyoota ifii bindillaa woliin hin dhufa. Inni hujii badduu worri Waaqa hin sodaanne hujee fi dubbii arrabaa ta cubbaaleyyiin Waaqa hin sodaanne isa irratti dubbatte maraaf itti hin mura» jedhe.