Jude 1:15 — Compare Translations
4 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
aka nama ch'ufa qoru, aka nama Waaqa imbeenne ch'ufa wollaala iti muru, maro huji hamtu worri tolcheefi, ammalle maro dubbi hamtu worri Waaqaani jed'eefi!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
akka nama Waaqaa hin beenne cufaa marroo hujii hamtuu warrii tolcheetiif, ammallee marroo dubbii hamtuu warrii Waaqaan jedhee wallaala itti muru” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
kun nama maraa irratti murteessu'uuf; akkasuma worra dhiban maraa karaa dharaa ka hujanii fi waan hammeennaa ka isa irratti dubbataniif dubbii arrabaa maraa fi balleessaa isaanii addaataa ifa baasu'uuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
namoota Waaqa hin waaqeffanne saniin irratti waayee waan hamaa raawwataniitiin isaan ni adaba, Waaqinni'llee dhugamattuu kanniin cubbamoota isa hin waaqeffanne irratti, waayee isaan irratti wonittoota dubbatanii maraaf isaanitti ni murtteessa.»