Jude 1:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namooti kun yennaa mara worra gungumanuu fi worra namoota dhibii komatanu; isaan halchaa badduu ifii hordofan, ifi hin jajan, bu'aa ifiitiif jedhanee kolbaa sobanee saadan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri kunini hojja ch'ufa gungumeti woli himata, fed'i garaa hamtu gula yaa. Worri waan fed'u argatu ufi guddise nama soba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii kun yo cufaa waan tokkolleetti hin gammaduu hin gungumaa, fedhii mataa isaanii hamtuu gula yaa'an. Warrii waan ufii fedhu yo argatuu uf guddiseetti nama soba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunniin worra akka fedha dharraa ufiitiin jiraata'aa guungumanii fi worra waan hiree ufiitiif gururi'an. Isaan akka isaanii toluuf nama wol caalchisa'aa hagaa ol dubbii guddaa dubbatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunniin worra akka fedha dharraa ufiitiin jiraata'aa gugumanii fi worra waan hiree ufiitiif gururi'an. Isaan akka isaanii toluuf nama wol caalchisa'aa hagaa ol dubbii guddaa dubbatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni kunniin yeroo maraa ka guungumanii fi womaanuu ka hin gammanne, fedhii mataa isaanii hamaa ka horddofan, afaan isaanii jecha ufi tuulumma'aatiin ka guuttame, faayiddaa mataa isaanii barbaadu'uuf nama ni shelatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti kun yennaa mara worra gungumanuu fi worra namoota dhibii komatanu; isaan halchaa badduu ifii hordofan, ifi hin jajan, bu'aa ifiitiif jedhanee kolbaa sobanee saadan.