Jude 1:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan isiniin, “Bara muumme'eetitti worri Waaqa hin sodaanne worri halchaa badduu ifii hordofu, worri shasheessu hin dhufa” jedhaneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan isaniini jed'e, Gaafa muummeeni d'iaatte, nama isani kobluti d'ufa, ka d'araa ufi hamtu ch'alla gula yaau.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii, “Gaafa guyyaan muummee ga'ee, nama isan kobluutti dhufa, ka dharraa hamtuu ufi callaa gula yaa'u” jedhanii ya isaniitti himan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan «worra bara dhumaa cubbuu isaaniitiif halcha badaa ufiitiin deema'aa worra Asheessu» waan isaaniin jedheef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan bara dhumaa cubbuu isaaniitiif halcha badaa ufiitiin deema'aa worra Asheessu waan isaaniin jedheef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan, «Bara muumme'ee titti fedhii Waaqaa irraa ka fagaatan, fedhii hamaa mataa isaanii ka horddofan baldditoonni ni dhufan» isaaniin jedhanii turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan isiniin, «Bara muumme'eetitti worri Waaqa hin sodaanne worri halchaa badduu ifii hordofu, worri shasheessu hin dhufa» jedhaneeran.