Jude 1:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worra kaan ibidda keessaa buta'aa baasa'aatii hanbura'a! Worra kaan worra uffanni isaanii foon cubbama'aan battoyelle jibbaa, soda'aan marara'aaf!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ibida keesaa worra baasa. Nama d'ibile ch'ufaa naha, ammo sodaad'a, woya dabi worra t'ureesele jibba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra kana ka garii butaa ibiddaa keessaa baasaa! Ka garii ammoo wayaa warraa ta cubbuu foon isaaniitiin battoofteeyyuu jibbaa, sodaan garaa laafinna argisiisaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garii ibidda keessaa buta'aa hambisaa'a; garii worra uffanni isaanii hawwii fooniitiin xuraaye jibbaa'a, araara sodaa uf keessaa qabuun isaanii dhiisaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Garii ibidda keessaa buta'aa hambisaa'a, garii worra uffanni isaanii hawwii fooniitiin xuraaye jibbaa'a, araara sodaa uf keessaa qabuun isaanii dhiisaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tokko tokkoo'llee ibiddaa keessaa baasa'aatii isaan fayyisaa, kaanniinf soda'aan garaa laafa'aafii, ta'u'llee cubbu'uun ka battaaye qaama isaanii uffatuma tuqe'llee, uduu hin hafin jibbaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra kaan ibidda keessaa buta'aa baasa'aatii hambura'a! Worra kaan worra uffanni isaanii foon cubbama'aan battowelle jibbaa, soda'aan marara'aaf!