Jude 1:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri Waaqa hin sodaanne gariin, dhokaataan luuxanee wodhakaa teenna seenaneeran. Isaan worra badhaadha Waaqa keennaa akka fedhane le'iisatti jijjiiranuu fi Yesuus Kiristoos callaan bulcha'aa fi Goottaa akka te'e mormanu. Akka isaanitti muramu yennaa heddu'uun duraa barreeffameera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi nami gari ka Waaqa imbeenne, ato nu imbeekatiini ya jiddu teenna seene, aka d'araa ufi guutatu, dubbi eeba Waaqa gaargalche Yeso Kristo Aabbo keenna tokochale dide. Duri duri t'aafiini qulqullooni qorsuma worri argatu tana fadde.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif, namii garii ka Waaqaa hin beennee, adoo nu hin beekinuu akka dharraa ufii guutatuu ya jidduu teenna duude; dubbii eebba Waaqaa garagalchee Yesus Kiristoo Aabboo keenna tokkochaallee dide. Dubbiin ragaa ta durii barreessan qulqulloon qorsummaa warrii sun argatu himti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif; isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne; worra badhadha Waaqaa seebarumma'atti jijjiiran, ka ufumatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e Yesuus Kiristoosiin hin ganan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif, isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne, badhadha Waaqaa seebaruma'ati worra jijjiiran, ka ufummatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e, Yesuus Kiristoosiin hin ganan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka isaanitti murteeffamu ta'uu yeroo baayi'een duranatti ka isaanitti barreeffame, namoonni tokko tokko gara keessan huluuqanii aseenanii jiran, isaan'llee kennaa Waaqaa ka bilisaa gad dhiifamammuma'aan ka jijjiiran, Waaqa worra hin waaqeffanne, inni qoftti bulichaa keennaa fi Gooftaa keenna ka ta'e, Yesus Kristosiin'llee ni waakkatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Waaqa hin sodaanne gariin, dhokaataan luuxanee wodhakkaa teenna seenaneeran. Isaan worra badhaadha Waaqa keennaa akka fedhane le'iisatti jijjiiranuu fi Yesuus Kiristoos callaan bulcha'aa fi Goottaa akka te'e mormanu. Akka isaanitti muramu yennaa heddu'uun duraa barreeffameera.