Jude 1:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma ergantoota Waaqaa ta baallii isaanii kennante irra dabaranee, addee tee'anu gad lakkisane qaabadha'a! Waaqi wodaroo sibiilaa ta hidhaa bara baraatiin dukkana keessatti hidhee, haga guyyaa muraa guddo'oo isaan eegaa turseera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikoota fulla ufi lakifte fulla isi himmalini yaate qaabad'a. Waaqi worra ya haga jiru jireenna haada sibiilatiini dukana lafa jala keesati hid'e aka guyya jaba ka wollaala iti murani eegattu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamtoota Waaqaa ta fulaa ufii lakkiftee fulaa isii hin malin yaate qaabadhaa! Waaqii warra ya haga jiruu jireennaa haada sibiilatiin dukkana lafa jalaa keessatti hidhee; akka guyyaa jabaa wallaala itti muran eegatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma Maleekkota Rabbii ka baalliin itti kenname irraa darbamanii hulee ufii gad dhiisan qaabadhaa'a. Rabbi wodaroo yookaan haada sibiilaatiin isaan hidhee baraa haga bara baraa dukkana keessatti haga guyyaa murtii guddaa sanii isaan eega'aa tursiiseera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma Maleekkota Rabbii ka baalliin itti kenname irraa darbamanii hulee ufii gadi dhiisan qaabadhaa'a. Rabbi wodaroo yookiin haada sibiilaatiin isaan hidhee baraa haga bara baraa dukkana keessatti haga guyyaa murtii guddaa sanii isaan eega'aa tursiiseera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana aangoo isaanii eegachuu dhabuu isaaniitiin malayikkoota bakka isaanii gad dhiisan yaadadhaa, isaan Waaqinni haga Guyyaa ol aanaa murti'ii titti hidhaana bara baraatiin, dukkana jimii keessatti isaan eegee turssiisee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma ergantoota Waaqaa ta baallii isaanii kennante irra dabaranee, addee tee'anu gad lakkisane qaabadha'a! Waaqi wodaroo sibiilaa ta hidhaa bara baraatiin dukkana keessatti hidhee, haga guyyaa muraa guddo'oo isaan eegaa turseera.