Jude 1:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma worri qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aa, worri qachoota adaala saniille sagaagaltuu te'anee, seera dadamaatiinille ala sagaagalane. Isaan worra ibidda bara baraatiin adabamiisaan rakkatuuf fakkeenna te'aneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sodomafi Gomorafi dira lafa suni ch'ufa qaabad'a! Worri dira suni waan malaikaani taate tolche, sharmut'omafi hameenna taka inargiini gula yae: Duuba gaargala ibida argate aka akasiini nama ch'ufaa gorsa tahu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma sun warra Sodoomii, Gomoraa fi dira lafa sunii cufaa qaabadhaa! Warrii dira sunii shaarmuxoomaa fi hammeenna takka hin argin gula yaa'ee; gaargala ibiddaa argate; akka akkasiin nama cufaa gorsa taatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma Soodomii fi Gomooraan qachoota naannoo isaanii aadaa uumamaan ala ta'e, gara hujii seebarumma'aa nafa ufii dabarsanii kennaniiran. Isaanillee ibidda bara baraatiin adabama'aa worra rakkataniif fakkeenna ta'aniiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma Soodomii fi Gomooraan qachoota naannoo isaanii aadaa uumamaan ala ta'e, gara hujii seebaruma'aa nafa ufii dabarsanii kennaniiran. Isaanillee ibidda bara baraatiin adabama'aa worra rakkataniif fakeenna ta'aniiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bifuma kanaan Sodoomii fi Gamooraan magaalawwan naannaya isaanii jiran'llee sagaagalttoota ni ta'an, seera uumamaatiin alatti'llee sagaagala ni raawwatan. Kanaaf isaan ibidda bara baraatiin worra adabamaniif, fakkeenna ta'anii jiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma worri qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aa, worri qachoota adaala saniille sagaagaltuu te'anee, seera dadamaatiinille ala sagaagalane. Isaan worra ibidda bara baraatiin adabamiisaan rakkatuuf fakkeenna te'aneeran.