Jude 1:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Mikaa'eliin angafi ergantoota Waaqaatuu, yennaa reeffa Muse'ee irratti Seexanaan wol mormane, “Goottaan si xixu” jedhe malee, arrassee itti muriisaaf itti hin gamne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani guddooni Mikaelileeni waan akana kana taka intolchine. Gaafa inni reefa Musa irati Sheet'anaani woldidani, Mikaelini Sheet'ana arabsu dide waan jed'eeni, Aabbooni si gorsinna!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mikaa'el, guddaan ergamtootaayyuu gaafa reeffa Muusee irraatti sheexanaan walmormee, sheexana hin arrabsinee “Aabboon Waaqii siin dheekkaminnaa been” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mikaa'el bulchaan Maleekkotaa ammo hennaa waan reeffa Muuse'eetiif daabiloosiin wol morme, «Gooftaan si haa teedeffatu» jedheen malee dubbii arrabaa dubbatuu hin uggine.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mikaa'el bulchaan Maleekkotaa ammoo hennaa waan reeffa Muuse'eetiif daabiloosiin wol morme, «Gooftaan si haa teeddeeffatu» jedheen malee, dubbii arrabaa dubbatuu hin uggine.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti gaafatamaan maleyikkootaa Mikaa'el'llee waayee reeffa Muse'eetiif sheexanaan woliin yeroo mormmetti, «Gooftaan sitti haa baanatu!» jedheen malee, jecha arrabaa itti hin dubbanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mikaa'eliin angafi ergantoota Waaqaatuu, yennaa reeffa Muuse'ee irratti Seexanaan wol mormane, «Goottaan si xixu» jedhe malee, arrassee itti muriisaaf itti hin gamne.