Judges 1:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Yuda worra Simeoni woliini yae, worra gosa Kanaani, ka dira Sefathi keesa tau, dabsate abaare balleese dira suni maqa Horma baaseefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudaan obboleessa ufii Simooniin woliin deemanii worra Kana'aanii ka Sifaatiin keessa jiraataniin lolanii sirima isaan balleessanii maqaa qachattii saniillee, «Hoormaa » jedhanii itti baasan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan Yihuda'aa obboleeyyan ifii kolbaa Shimi'oonii woliin gara qachaa Zifaatii dhaqanee, Kana'aanota achi le'anu lolanee qachaa san ijjumaa balleessane; tanaaf maqaa qachaa saniille, «Hormaa » jedhanee baasane.