Judges 1:19 — Compare Translations

2 translations compared side by side

Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Yihuudaa woliin waan jiruuf inni biyya gaaraa sanniin fudhate; worra dhooqa keessaa garuu isaan konkolaataa sibiilaa waan qabaniif achi keessaa isaan baasuu hin dandeenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aa woliin waan jiruuf, isaan biyya koobittii injifatanee fudhatane; ammoo worri lafa dirree keessa le'u, garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamu waan qabanuuf, isaan ari'anee baasiisaaf hin dandeenne.