Judges 1:30 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gochiti Zabuloni worra dira Kitronifi Nahalali keesa tau keesaa ingussine, duuba worri Kanaani achuma worra woliini tae, worra irreeni hojachiifataani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gofti Zaabilooniillee namoota biyya Qeedirooniitii fi namoota Naahiloonii uf keessaa hin baafne; kanaaf worri Kana'aanii isaan woliin jiraata'aa gibirallee isaan gabbaran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sanyiin Zebuloonii Kana'aanota Qiixronii fi Nahalol keessa le'anu ari'anee hin baanne; ammoo isaanuma odduu le'aa hujii hunnaa akka hujanu hunnaan godhane.