Judges 1:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Adon-Bezekini waan jed'e, Hayyooti torbatama ta quba hagicho ka harkatifi ka miila ira ch'irani d'ieenna hamba mesa kiyya jalaa guurati. Waaqi amma yayu waan anini duri worra tolche na tolche. Yerusalemu isa geesani inni achiti due.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Adoonibeezeq, «Mootota torbaatamaa ka qubni abbuuddicha harkaatii fi ka lukaa irraa murame, hulee ani nyaata nyaadhutti na jala taa'anii hambaa qocata'aa turan san irratti akkuma ani godhe Rabbillee na irratti godhe» jedhe; isaan fuudhanii gara Yerusaalemii isa fidan, innillee achumatti du'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adonii-bezeqille, «Moototi torbaatam worri quba abguddoo miilaatii fi ka harkaa muramane, hambaa qorii tiyyaa jalaa qocataa nyaataniiyyu. Daba ani isaan irratti huje, adha Waaqi deebisee natti fide» jedhe. Kolbaan Yihuda'aa gara Yerusaalemii isa geessitee, inni achitti du'e.