Judges 10:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi Abimelekini due, Tolaani, ilmi Pua, akhaakhu Dodo worra Israeli baasu d'ufe. Inni nama gosa Isakari ka Shamiri lafa gareeni Efraimu keesa tau.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga Abemelek du'een maayessa nama gosa Yisaakoorii keessaa Tolaan ilmi Foohaa Duudii worra Israa'elii oolchu'uuf ka'ee Saamirii biyya gaaraa ka Efreemii keessa jiraate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abiimelek du'een duuba, akaakoon Dodoo ilmi Phuwaa Tolaan nami gosa Yisaakorii, ka biyya Efreemii koobittii keessa addee, «Sahaamir» jedhantu le'u, Israa'el bilisa baasiisaaf ka'e.