Judges 10:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle worri Israeli AABBO Waaqaa durati waan hamtu tahe waaqa Baalifi Ashtorethi jed'ani Kad'atani, ammalle waaqa worra Shamutifi ka Sidonitifi ka Moabutifi ka, Amonitifi ka Filistile kad'atani. AABBO Waaqati wollaalani isa kad'achu lakisani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoolleen Israa'elii ammallee deebi'anii Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatan; waaqolee tolfamaa worra Sooriya'aa ba'aaliimii fi Astaarootiin, waaqa tolfamaa siidoona'aa, waaqa tolfamaa worra Moo'aabii, waaqa tolfamaa ijoollee Amooniitii fi waaqa tolfamaa worra Filisxeemii waaqeffatanii Rabbiin waaqeffachuu dhiisan;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Israa'elooti ammalle, waaqota Ba'aaliitii fi Ashitaarotii, waaqota Aaramii, waaqota Sidoonii, waaqota Mo'aabii, waaqota Amoonotaatii fi Filisxeemotaa waaqonfatiisaan, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujanee, isa waaqonfatiisa lakkisane.