Judges 10:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Haga ganna kud'ani saddeeti worri suni worra Israeli, ka lafa worra Amori keesa tau, ka galaana Yordani ilaborutiini jiru, lafa Gileadi keesati dabse gaargalche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara san isaan ijoollee Israa'elii guddisanii rakkisanii leelalchan; worra Israa'elii ka laga Yoordaanosiitiin gama jiranii fi worra lafa Gala'aadii biyya worra Amoorotaa keessa jiraatan maraa haga woggaa kudha saddeetii isaan miidhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Amoonotaatii fi Filisxeemotaa, woggaa kudhanii saddeeti, Israa'eloota laga Yordaanosiitiin gama biyya Amoorotaa lafa Giil'aadii keessa le'anu cunqursane.