Judges 11:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyuuni Amoni waan worra Yefthani erge sunini jed'e, Gaafa worri Israeli lafa Misiri keesaa bahe, worri lafa tiyya haga galaana Arnoniti fuud'e galaana Yabokitifi ka Yordaniti d'aabe fud'ate. Amma lafa suni nagayaani nuu deebisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin Amooniillee ergamtoota Yooftaahe'eetiin, «Waan Israa'el hennaa biyya Misiriitii bawu biyya Aarnooniin irraa jalqabee haga Yaabooqiitii fi haga laga Yoordaanosii waan fudhataniif; ammallee yoo ta'e lafa kiyya nagayaan naa deebisaa» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi worra Amoonii deebisee ergantoota Yifta'aatiin, «Israa'elooti biyya Gibxiitii yennaa bayane, lafa tiyya laga Aaronii irraa haga laga Yaaboqii, haga laga Yordaanosiille waan fudhataneef, amma nageyaan naaf deebisa'a» jedhe.