Judges 11:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri lafa aloo ta gamooji keesa godaane, lafa Edomutifi lafa Moabu ira mare. Moabu moga ilaborutiini bahani gama galaana Arnoniti qubatani, ammo galaana Arnoni intaakine, waan inni seera lafa Moabu ira bahufi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Karaa lafa gammoojji'iitiin, lafa Edoomiyaasiitii fi lafa Moo'aabiitiin naannayanii gara cinaa baya biiftu'uutiin lafa Moo'aabiitiin dhufanii lafa Aarnooniin gamaatitti quphatan; Aarnoon daangaa Moo'aabii waan ta'eef isaan daangaa Moo'aabii hin lufne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba goomolee keessa deemanee, lafa Edoomiitii fi lafa Mo'aabii irra maranee dhaqanee, lafa Mo'aabii irraa gara aduun baatu geyanee, laga Aarnoniitiin gamatti qubatane; lagi Aarnonii meessaa lafa mo'aabii waan te'eef, isaan lafa mo'aabii dhaqiisaaf laga san gamatti hin buune.