Judges 11:36 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini waan jetteeni, Aabbo, waan AABBO Waaqati kakhate intolcha jette na tolchi, eegi AABBO Waaqi haalo nyaapa kanketi worra Amoni si bafachise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isiinillee abbaa ufiitiin, «Aabbaa'a! Rabbiif woreega qabdee yoo jiraatte, Rabbi diintota kee worra Amoonotaa waan haluu sii bayeef, waan na irratti raawwachu'uuf Rabbiif woreega qabde san raawwadhu!» jetteen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiille, «Abbaa kiyya! Mootiin Waan Maraa diinota keeti worra Amoonii haluu waan si'iif bayeef, waan waadaa galte na irratti muummessi» jette.