Judges 11:37 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle isiini waan abbaani jette, waan kana ch'alla naa tolchi, haga jia lama na lakisi, aka anini jaallowaani tiyya woliini lafa gaareeni keesa dedeeme, aka waan ato dubratu duufi bohu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu abbaa ufii akkana jettee gaafatte; «Ani heerumee waan finna dawuu hin dandeenneef, waan durbummaa kiyyaatiif hiriyyoota kiyya woliin gaara irra naannaya'aa booyaa haga ji'a lamaa na hoffolchi» jetteen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiin ammalle abbaa ifiitiin, «Waan tokko callaa naaf eeyyam: Ani ijjumaa waan hin heeruminiif, dhaqee gaara irratti hari'oota tiyya woliin asii fi achi deddeebi'ee, durrummaa tiyyaaf akka bowu ji'a lama naaf kenni» jette.