Judges 11:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yefthani waan jed'eeni, Isani qara na jibbitani, worra abba kiyya keesaa na imbaamne? Amma ka gaargala qabdani, maafi nati d'uftani?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoftaaheen garuu jaarsota Gala'aadiitiin, «Worri na jibbee mana abbaa kiyyaatii na ari'e isinii mitii? amma haga rakkattan maaf gara kiyya dhuftan» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ammoo deebisee isaaniin, «Isin na jibbitanee, mana abbaa kiyyaatii na hin ariinee? Amma yennaa rakkattane maaf gara kiyya dhuttan ree?» jedhe.