Judges 12:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yefthani worra Gileadi ch'ufa wolti baase, worra Efraimu had'e dabsate. (Worri Efraimu qara waan jed'e, isani worri Gileadi, ka Efraimufi Manase keesa jirtani daafantani gosa teesani keesaa baqatani!)
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Yooftaaheen namoota Gala'aadii wolitti qabee namoota Efreemiititti balaa buusee isaan mooyate; namoonni Efreemii, «Isin worra Gala'aadii ka bulchiinsa Efreemiitii fi Minaase'ee keessa jiraattan ka Efreemiin waakkattanii dhuftan» isaaniin jedhee isaan dhaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yiftaan worra Giil'aadii duudii wolitti qabatee, worra Efreemii lole; worri Efreemii worra Giil'aadiitiin, «Isin worri Giil'aadii, worra Efreemii irraa baqattanee, wodhakkaa worra Efreemiitii fi Minaase'ee leetan» waan jedhaneef, isaan lolane.