Judges 12:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
worri waan jed'uuni, Shibolethi jed'i me, Ammo inni waan jed'u, Sibolethi, waan jecha inqajeelfanefi. Duuba artiti qabani malka keesati ijeesani achiti nama kuma afurtami lama ka Efraimu fit'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
isaan, «Shibooleet jedhi» jedhaniin; inni garuu kolbatti qajeelchee jechuu waan hin dandeenneef, «Siibooleet» jedhe; yoo san isa qabanii laga Yoordaanosii karaa ceeyaniin biratti goorra'aniin; hennaa san namoota Efreemii keessaa namoota kuma afurtamii lamaa akka kanaan fixan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
isaan, «Shibolet» jedhi jedhaniin. Inni sirreessee jecha kana jedhiisa waan hin dandeenneef, «Sibolet» jedha. Achiin duuba isaan, isa hudhanee malkaa laga Yordaanosiititti isa ijjeesan; yennaa san worra Efreemii keessaa, namoota kuma afurtamii lamatti ijjeefame.