Judges 13:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo wonti inni nani jed'e, Atini garaachoofte ilma d'alta: tanaafi daad'ifi farso ind'ugini, yokhaani sagale lagu tokole insooratini; wonti akanatiifi gurbaani sunini yo d'alate haga jiru ch'ufa eebisanifi aada Naziri gula Waaqaa kennani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
inni, ‹Ati hin ulfoofta, ilma dhiiraa deetta, daa'imni garaa haadhaa keessaa jalqabee haga gaafa du'uu, ayyaantuu Rabbiif fooyame waan ta'uuf, daadhii woyini'iitii fi waan nama macheessu hin dhugin, waan battiillee hin nyaatin naan jedhe»› jettee abbaa worraa ufiititti himte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ammoo anaan, ‹Ati ulfoottee ilma hin deetta; mucaalle guyyaa dhalateen jalqabee haga du'utti Naazireticha ka Waaqaaf adda baye waan te'uuf, daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu hin unin, yookiin waan battii tokkolle hin nyaatin› jedhe» jetteen.