Judges 13:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi kad'a Manoa d'agayeefi, malaika isaa, ato niitiini oobru keesa teetu, iti erge. Hojja suni d'iirsi isii Manoani arti injiru,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi kadhaa Maanuhe'ee hin dhagaye; maleekkaan Rabbii deebi'ee lammeessoo haadha manaa Maanuhe'eetitti uduu isiin qonna keessa jirtu itti mudhate; abbaan worraa isi'ii Maanuheen garuu hennaa san isii bira hin jiru ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqille daadimata Maano'aa dhage'e; ergamaan Waaqaa ammalle dubartiin sun fichaa keessa teetteertuun itti mudhate; abbaan manaa isi'ii Maano'aan ammoo isii woliin hin jiruuyyu.