Judges 14:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abbaafi haati isaa aka heregi isaa kunini AABBO Waaqa iraa bahe diqole imbeekhani; wonti akanatiifi AABBO Waaqi kara worra Filistitini had'u barbaaduu jira. Gaafasi worri Filisti worra Israeli mohata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saamsoon akka inni waan kana raawwatu ka isa kakkaase Rabbiin akka ta'e abbaan isaatii fi haati isaa hin beenne; hennaa san worri Filisxeemii worra Israa'elii waan bulcha'aa turaniif Rabbi sababaa isaanitti soqa'aa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san worri Israa'el bulchu worra Filisxeemotaa waan te'aneef, Mootiin Waan Maraa worra Filisxeemotaa irratti lola kaasuu waan barbaadeef tun akka teete, worri isaa hin beenne.