Judges 15:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi suni, gaafa dargaye haamatani, Samsonini kaarata laleesa fuud'e, gara niiti isaa d'aqe. Inni abba isiitiini waan jed'e, Anini d'iibu niiti tiyya d'aqu fed'a ammo inni dide,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan kanaan maayessa hennaa qamadii haaman Saamsoon korbeessa re'e'ee qabatee haadha manaa ufii gaafatu'uuf dhaqee, «Gara golaa seenaa» jedhe; abbaan isi'ii garuu akka inni hin seenne dhoogge;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa diqqo'oon duuba yennaa qamadiin haammantu Samsoon buruusoo re'e'ee takka fudhatee, haadha manaa ifii ilaaluu dhaqee, «Gara kolloo haadha manaa tiyyaa ol seenuu barbaada» jedhe. Abbaan isi'ii ammoo akka inni ol seenu hin eeyyanne.