Judges 15:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri Yuda ka kuma sadi gara goda d'akha ka Etamu kaani d'aqe waan Samsonini jed'e, Atini imbeetu, aka worri Filisti nu mohatu? Atini maani nu tolchite? Inni waan jed'eeni, Anini woma worri na tolche worra tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni Yihuuda'aa namoonni haga kuma sadihii gara goda dhagaa Eexaamii bu'anii Saamsooniin, «Worri nu bulchu worra Filisxeemii akka ta'e hin beettuu? wonti ati nu irratti goote kun maali'i?» jedhaniin; innillee «Akkuma isaan na godhan anillee isaan godhe» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba namooti Yihuda'aa kum sad gara goda rassaa Etaamiititti gad bu'anee Samsooniin, «Worri Filisxeemotaa bulchitoota teenna akka te'ane hin beettu? Wonni ati nutti hujje kun maan?» jedhane. Inni deebisee, «Waan isaan na godhane, anille isaan godhe» jedhe.