Judges 15:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni Lehiini bahe jennaani, worri Filisti isati iyye iti orie. Jennaani Yoma suni irreeni AABBO Waaqa isa jabeesite, inni haada harka isaatini hid'ani kaani ch'ire, akuma liilana qaqalla ch'irani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa inni gara Leehi'ii dhufe, worri Filisxeemii ililfata'aa isa simatan, Hafuurri Rabbii hunna gudda'aan isa irratti bu'e; haanni ciqilee isaatiin hidhan akkuma jirbii ibiddaan gubatee ta'e; wonti isaan hidhaniinillee harka irraa harca'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Samsoon gara qachaa Lehiititti yennaa dhikaate, worri Filisxeemotaa hogisaa gara isaa dhufe. Ayyaanni Mootii Waan Maraa hunna guddo'oon isa irratti bu'ee, wodaroon harki isaa ittiin hidhameeru sun, akka liilana ibiddi gubee, baxxee harka isaa irraa buute.