Judges 15:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Waaqi lafa Lehi fulla toko borrose, bisaani burqa keesaa bafatani. Samsonini d'uge, lubbuuni iti deebite. Duuba maddo suni Enhakore jed'aniini, haga arrale Lehi jirti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbillee lafa dhooqaa ka Leehiin jiru baneefii isa keessaa bisaan burqinaan dhugee baffate; kanaafuu maqaa hulee sanii «Aayin haaqoree» jedhee itti baase; huleen sun haga adhaa Leehii keessa jirti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Waaqi balee Lehii keessa jirtu banee, bisaan keessaa madde. Samsoon yennaa bisaan san une, ayyaanni isaa deebi'eef bayyanate. Maarre maddi sun, «En-Haaqoree » jedhamee haga adhaa qachaa Lehii keessatti beekkama.