Judges 15:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani buyo suni ibidaani qabsise geedala taani oobru Filisti ta mid'aani qabdu keesati gadi d'iise. Kara kanani inni mid'aani murani tuulani ch'alla ingubne, ammo ka ejaanifi oobru ejersa ch'ufale gube.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Shawaa san ibidda itti qabsiisee miidhaan worra Filisxeemii ka dhaabatu keessa gad dhiise; ibiddi sun qixiraa isaanii, midhaan isaanii ka dhaabatu, woyinii isaaniitii fi ejersa isaaniillee hin gube.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba xassaa sanitti ibidda qassiisee, jeedaloota san gara fichaa Filisxeemotaa ka qamadii hin haamamin keessa gad lakkisee, midhaan tuula'aatii fi ka hin haamaminii, akkasuma muka woyni'iitii fi ejersaa gube.