Judges 15:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri Filisti waan jed'e, Eentu waan kana tolche? Duuba waan jed'aniini, Samsoni, soda namicha Timnati, akana tolche, waan sodaani isaa niiti Samsoni jalaa fud'ate jaala isaati kenneefi. Jennaani worri Filisti d'ufe, niiti sunifi mana abba isi woliini gube.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Filisxeemii garuu, «Eentu waan kana godhe?» jedhan; isaan, «Haadha manaa ta Saamsoonii fuudhee jaalticha isaatitti waan heerumsiiseef Saamsoonii soddaa namicha Tamina'aati» jedhan; worri Filisxeemiillee yaa'anii intalatti'ii fi abbaa isi'iillee ibiddaan guban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Filisxeemotaa, «Eentu waan kana godhe» jedhanee yennaa gaafatane, jarri takka, «Abbaan sodda'aa ka Samsoonii nami qachaa Tiimna'aa, haadha manaa Samsoonii jaaluma isaa waan heerumsiiseef, Samsoonitti tana godhe» jette. Tanaaf worri Filisxeemotaa dhaqee, haadha manaa Samsooniitii fi abbaa isi'ii ibiddaan gubanee ijjeesane.