Judges 16:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Delilani waan jetteeni, Isi atini ammalle na sobde d'uga nati inhimne. Abbo d'uga baasi, aka nami si hid'u nati himi. Inni waan jed'eeni, Hojja atini guduru mata kiyya torba wolti d'oofte, d'isati jabeesite hiite, anini irre d'abe akuma biyya d'ibi taha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daliilaan Saamsooniin «Ati haga ammaa na sobde, wonti natti himte maruu soba, wonti ati hidhamtuun maal akka ta'e yabo'oo natti himi» jetteen. Innillee, «Rifeensa mataa kiyyaa kukkubbitee xiribba'aan yoo lafatti gad na dhoofte ani hin dadhaba, akkuma namoota kaawwanii ta'a» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Deliilaan Samsooniin, «Ilaa! Ati haga ammaa na gowwisiittee, soba natti dubbatte; attam akka si hidhuu dande'anu natti himi!» jetteen. Inni isi'iin, «Guduruu rifeensa mataa kiyyaa torbaan liilana woliin footee gudunfitee, shikaala'atti yoo hiite, akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhe.