Judges 16:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri guddo gammade waan jed'e, Samsoni nuu yaama ha nu kofalchisu! Worri Samsoni mana hid'aansa keesaa fuud'e, aka inni nama kofalchisu tolche, jiddu utuba manaa d'aabe. Biyyiti isa arginaani waaqa isaani faarsite waan jette: Waaqi keenna yayu nyaapa keenna Samsoni, ka lafa teenna balleese, nu nama heddu gate, harka keennati kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
baniin maruu haga isa argan, «Nama biyya keenna balleesse, namoota baay'ee ka nu keessaa ajjeese diina keenna waandhi keenna nu jala oolche» jedha'aa waaqa ufii galatoonfatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan yennaa Samsoon dhaggane, waaqa ifii leellifatanee, «Ka biyya teenna balleessee, ka nama hedduu nu duraa ijjeese diina keenna, waaqi keenna harka keennatti dabarsee kenneera» jedhane.