Judges 16:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyooti Filisti shanani gara isi d'at'e waan jetteeni, waan atini taatu, Samsonini sosobi, waan akana isa jabeesefi aka nu isa dandeenne qabne hiine dabsannu gaafad'i, nuti himi. Duuba Nuuni ch'ufti qarsi kuma tokotifi d'ibba toko sii kennina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri jajjabaan baallii qaban ka worra Filisxeemii isii bira dhaqanii, «Isa sobii, hunni guddaan isa irra jiru kun maal akka ta'e, nullee isa mooyannee akka isa hidhuu dandeennu hunni isaa guddaan maal akka ta'e beeki, yoo san nu marti keennaa nama tokko tokkoon saqilii kuma tokkoo fi dhibba tokko, kuma tokkoo fi dhibba tokko sii kenninaa» isi'iin jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Moototi Filisxeemotaa shanan gara isi'ii dhaqanee, isi'iin, «Samsoon sossobiitii, wonni guddoo isa jabeessu maan akka te'ee fi nuutille attam goonee isa hiinee ifiin jala galfatiisa akka dandeennu nuu gaafadhu. Nuuti tokko tokkoon keenna, meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko sii hin kennina» jedhane.