Judges 16:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Delilani waan Samsonini jette, Aabbo, bad'aaso kiyya, waan akana si jabeesa kana nati himi. Yo nami sila si hid'e si dabsachu fed'e akami tau male?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf Daliilaan Saamsooniin, «Hunni kee guddaan maal akka ta'e, akka ati yoo hidhamte itti dadhabdu yabo'oo natti himi» jetteen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Deliilaan Samsooniin, «Maganne'ee waan akkana guddoo si jabeessuu fi nami tokko si hidhee ifiin jala si galfatiisa attam akka dande'u natti himi?» jette.