Judges 16:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo kana worri Filisti d'iibiini d'iibu mana suni keesati d'okhachu jira. Duuba isiini iyyite waan jette, Samsoni worri Filisti ya d'ufe! Ammo inni haada ribbu kaani akuma liilana gubani ch'ich'ire. Tanaafi worri fulla jabeenni isaa bahufi beekhu dad'abe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san gola isi'ii keessatti namoonni dhokataniiran; isiin Saamsooniin, «Saamsoon! worri Filisxeemii sitti dhufan» jetteen; innillee fe'umaa san akkuma hennaa jirbii ibiddi tuqe ta'uutitti kukkute, hunni isaa maal akka ta'e hin beekkamne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san namooti kolloo manaa keessatti riphanee eegiisatti jiranuun, isiin, «Samsoon! Worri Filisxeemotaa sitti dhufane!» jette; inni ammoo akkuma liilanni yennaa ibiddi tuqu ciccitu, teepha san kukkute. Tanaaf isaan hunni isaa eessaa akka dhuttu hin beenne.