Judges 18:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri shanani kaani ka lafa d'aatu Laishi dooyate, waan wahela worratiini jed'e, Isani aka maneeni tana toko keesa, akheekhi mukha ka boch'aani qarsiini mat'ansani kad'atani jiru beetu? Ammalle akheekha kad'atani d'ibifi waan efodi jed'aniti jira, akasi beetu? Nu maani tahu male re?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni shanii worri lafa Leesaanii gaadu'uuf dhaqan obboloowwan ufiitiin, «Manniin kanniin keessa Eefuud, Taaraafiimii fi fakiin waaqa tolfama'aa ka sibiila bassanii hojjatan akka jiru beettuu? amma waan godhu'uuf taatan woliin mari'adhaa'a» jedhanii isaanitti himan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba namooti shanan, ka biyya adaala qachaa Laa'iishii dooyiisaaf dhaqane namoota ifiitiin, «Manoota kana keessaa tokkocha keessa, waaqi dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfame, woyaan hayyumma'aa ta qomaa, fakkiin waaqota dharaa ta dhibiille akka jirtu hin beettanuu? Tanaaf amma maan akka gootanu yaadadha'a» jedhane.