Judges 19:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bara suni ka worri Israeli hayyu inqamne, namichi Lawi toko lafa moga, ta gaareeni Efraimu, keesati gala. Inni intala toko ta dira Bethlehemu lafa Yuda keesaa gaarayu tolfate manati galfate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara san hennaa worri Israa'elii mootii hin qabne, nama Leewwi'ii ka biyya Efreemii ka gaara gamaa jiraatu tokkotu ture; inni biyya Yihuudaa Beetaliheemii keessaa ta mata gala itti galu takka fuudhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara Israa'el mootii hin qanne sanitti, nami gosa Lewwi'ii ka biyya koobittii Efreemii keessa moggaa le'u tokko jiraayyu; inni Betlihemii biyya Yihuda'aa keessaa gursumeettii takka fuudhe.