Judges 19:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi Lawi kaani waan jed'eeni, Nu Bethlehemu ta Yuda keesa jirtu d'umne amma lafa teenna ta gaareeni Efraimu ta mogati yaana. Nami tokoleeni ka nu bulchu injiru, ammo.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namichi gosa Leewwi'iillee akkana jedhee deebiseef, «Nu'u Yihuudaa Beetaliheemii irraa gara biyya gaaraa ka Efreemii lufa'aarra; ani achii dhufe gara Yihuudaa Beetaliheemii dhaqee ture; amma gara mana Rabbii dhaqa nama mana ufii nu bulchu dhabe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Lewwichi sun deebisee, «Nuuti Betlihemii biyya Yihuda'aa irraa gara biyya koobittii Efreemii irraa moggaa jirtu, addee irraa dhufetti gara mana kiyyaatii fi gara mana Mootii Waan Maraa deemiisatti jirra; asitti nami gara mana ifii fudhatee na bulchu hin jiru.