Judges 19:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo worri algali kaani isa ch'aqasu dinnaani, namichi Lawi kaani gaarayu isaa worraa alati baase. Jennaani worri isii buufate, halkani suni ch'ufa haga lafti bariituti bira rafe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni sunniin garuu waan inni isaaniin jedhe jalaa dhagawuu didan, namichillee ta inni mata gala itti galu gad baaseefii jennaan isaan bira gayanii haga lafti bariituu koro koroo isii irratti seebaranii lafti gagaarrannaan gad isii dhiisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti ammoo dubbii isaa caqasuu didane; tanaaf Lewwichi gursumeettii namichaa gad baasee kenneef; halkan guutuu hunnaan isii woliin rafanee, itti taphataa bulanee, yennaa boruun dayya'u akka deentuuf lakkisane.