Judges 19:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani namichi kaani hojattu isaatifi harre lama fud'atte faana isii deeme, sosobate galfachu d'aqe. Namichi Lawi d'ufe, jennaani intalti olseeni jetteeni, abbaaleni isa arginaani gammade,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbaan worraa ka isii fuudhellee diqqoo turee gara mana abbaa isi'ii dhaqee isii fudhachu'uuf murteeffate; hennaa achi deemu tajaajilaa ufiitii fi harriin lamaa qabatee deeme; hennaa achi gaye mucattiin isa reebbattee mana seensifte; abbaan mucatti'iillee hennaa isa arge guddisee gammadee isa simate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba abbaan manaa isi'ii sheshelatee isii galfatiisaaf tajaajilaa ifiitii fi harree lama fudhatee dhaqe; yennaa inni achi geye isiin gara manaa isa seensitte; abbaan isi'iille gammadaan isa fudhate.