Judges 2:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo worri jaallaboota suni ch'aqasu dide AABBO Waaqa lakisani waaqoota d'ibi gula badani, waaqoota suni kad'atani. Abbootini worraa duri dubbi AABBO Waaqa gula yaati, ammo d'alooti haarai kunini, yoosu kara suni iraa gore.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan garuu Rabbii Waaqa ufii dhiisanii waaqolee tolfamaa biraatii sagadan malee abboota murti'iitii hin ajajamne; karaa abbootiin isaanii deema'aa turan irraa goran akka abbootiin isaanii Rabbiif ajajaman san hin goone.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan Israa'elii ammoo, Mootii Waan Maraatiif addatamuu lakkittee, waaqota dhibii waaqonfatiisaan sagaagaltee, sagaddeef malee, abbootii mura'aa ifiitiif hin ajajanne. Abbootiin isaanii Waaqaaf ajajanteertiiyyu; isaan ammoo karaa abbootiin isaanii ta durii ideente irraa ariiti'iin gorane; fakkeenna isaaniille hin hordonne.