Judges 2:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja AABBO Waaqi jaallaba worraa kenne ch'ufa, inni jaallaba suni qarqaare, worra, haga jaallabi sunini jiru, harka nyaapaa keesaa baase. AABBO Waaqi worraa nahe, waan worra guddo dabsani worri gaargale boheefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa Rabbi abboota murti'ii isaanii kaase, Rabbi ufumaa abboota murti'ii sanniin woliin ta'ee worra isaan dhiiba'aa, isaan dhiphisanii fi booyicha isaaniitiif gadda'aa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, abbootii mura'aa yennaa isaaniif kaase, abbaa mura'aa tokko tokkooyyuu woliin jiraatee, bara abbaa mura'aa san maraa Israa'eloota harka diinotaa keessaa baasaareeyyu; namooti waan isaan miidhanee cunqursaneef, yennaa isaan qarqaariisaaf gara Mootii Waan Maraa iyyane, inni isaaniif naye.