Judges 20:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'ibba ch'ufa keesa nami kud'ani ka Israeli woreega worra duulatini d'ufe, kaaleni Gibea d'aqe haalo bafata, maro daba taka inargini ka Israeli keesati tolchani kaanifi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonta hamaan Israa'eliin irratti raawwatame Gibi'aa bulchiinsa Biiniyaamii keessa jirtu irrattillee raawwachu'uuf bawu'uuf duultota duulanii fi worra dhalee isaanii fidu gosa Israa'elii keessaa namoota dhibba tokkoo keessaa namoota kudhanii, namoota kuma tokkoo keessaa namoota dhibba tokko, namoota kuma kudhanii keessaa garuu namoota kuma tokkoo fuuna» jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Israa'el keessatti waan fokkisiittuu hujaneef, kolbaa qachaa Giibe'aa ta biyya Beniyaaminii keessaa adabiisaaf, loltoota duulanuuf galaa akka dhikeessanu, gosa Israa'elii mara keessaa namoota dhibba keessaa kudhan, kuma tokko keessaa dhibba tokko, kuma kudhan keessaa kuma tokko hin qopheessina» jedhane.