Judges 20:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya suni worri nama kuma diddami jaa dira ch'ufa keesaa wolti yaame. Worra kana male, worri Gibea nama d'ibba torba ka ch'ufa bitaacha ka filani wolti baase. Worri sunini ch'uftinu guddo gulubaani d'akha darbu beekha rifeensa matale ind'abu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Laakkobsi ijoollee Biiniyaamii worri gaafa san lolaaf yaa'an namoota Gibi'a'aatiin ala worri guraade'een lolan callaan namoota haga kuma diddamii jahaati; namoonni Gibi'a'aa worri laakkayaman namoota dhibba torba.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa san worri Beniyaaminii loltoota dhibba torba ka filamanee qachaa Giibe'aa keessa jiranu adoo hin dabalatin, qachoota ifii keessaa loltoota kuma diddamii jaa ka shallaagaa hidhatane wolitti qabane.