Judges 20:27 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafasi Sanduqi Wold'aqisa Waaqaa Betheli jira, Finehasi, ilmi Eleazari, ka akhaakhu Haruniti, huji isaa harkaa qaba. Biyyiti AABBO Waaqa gaafate waan jette ammalle yaane oboleyaani teenna ta Benjamini inhaana mo yala baana? AABBO Waaqi waan jed'eeni, Beena, had'a, bori indabsatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara san saanduundhi Rabbii ka Waada'aa waan achi tureef, Finihaas ilmi Alaazarii ilma Aaroonii isa afoo dhaabata'aa waan tureef ijoolleen Israa'elii, «Ijoollee Biiniyaamii obboleewwan teennaan lolu'uuf lammeessoo hin duulla mo'o hin duullu?» jedhanii Rabbiin gaafatan. Rabbillee, «Ani boru waan isaan isin jala oolchuuf bayaa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara san saanduqi gondooroo Waaqaa achi waan jiruuf, akaakoon Aaronii, ilmi Ele'azaarii Fiinehaas Saanduqa Gondooro'oo san dura dhaabbatee tajaajilaayyu; Israa'elootille «Obboleeyyan teenna worra Beniyaaminii loliisaaf ammalle hin dhandha moo hin lakkinna?» jedhanee Mootii Waan Maraa gaafatane. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani boru harka keessanitti dabarsee isaan waan kennuuf, dhaqa'aa lola'a» jedhe.