Judges 20:31 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Benjamini akuma qara had'iisa gabahe jennaani sobani dira iraa fageesani. Duuba akuma qara kaani worri askarti Israeli had'e, ballinna lafa, kara Betheliti deemufi ka Gibeati deemu keesaleti, nama sodoma fit'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoolleen worra Biiniyaamii qachaa keessaa yaa'anii akkuma duraanii karaa babadhaa tokko karaa Beeteelii, ka lammeesso'oo garuu karaa Gibi'aa fidu irratti bani'itti ka'anii dhayanii isaan ajjeesuu jalqaban; worra Israa'elii keessaa haga namoota soddomaa ajjeesan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Beniyaaminiille Israa'eloota loliisaaf yennaa bayane, qachaa irraa ari'anee fageessanee, akkuma qaraa karaa gara Bet'elii ol baasuu fi gara qachaa Giibe'aa geessu irratti loluu jalqabanee, Israa'eloota soddoma diida keessatti ijjeesane.